Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Miidhaa Miseensi Paarlaamaa Obbo Guutuu Mul’isaa irra gahee ture dhoksuuf Televiziyoona Ethhiopia irratti Wayyaaneen dhiyeenya kana lallabaa turte Obbo Guutuun dogoggora tahuuu saaxilan.

(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsaa 13,2009) ‘Sudan Tribune’ madda Oduu ‘Jimma Times’ waabeffatuun akka gabaasetti, Oromiyaa Ona Ilfataa keessaa Kongrasii Ummata Oromoo (KUO) bakka bu’uun Paarlaamaaf kan filaman Obbo Guutuu Mul’isaa olola sirni wayyaanee gabaasaa waggaa haala dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa irratti Amerikaan baase dhaaressuuf TV isaa irratti oofaa turee fi miidhaa isaan irra ga’e haguuguuf yaale balaaleffatan.

Yeroo gabaasaa Ameerikaa irratti miseensonni Paarlaamaa reebamuu fi hiraarfamuu ibsu sana keessa, humnoota wayyaanee kan naannon reebamuu fi hiraarfamuu isaanii TV Itoophiyaa dabalatee maddeen adda addaatiif ibsa laachuu Obbo Guutuun hubachiisaniiru.

Kunis tahee garuu, TVn Itoophiyaa dokmantarii dhiyeenya kana agarsiise irratti, waa’ee isaanii ilaalchisee odeeffannoo dogoggoraa ummataaf laachuu fi dhugaa jiru dabsee dhiyeessuu isaa cimsanii blalaaleffatan Obbo Guutuun. Akka kanaanis, olola wayyaaneen TVn dhiyeesse irratti, Obboleessa Obbo Guutuu fakkeeffamee namni dhiyaate firummaa homaatuu kan waliin hin qabnee fi isa hin beekne tahuu hubachiisan. Dabaluunis, kan wayyaaneen Miseensi Paarlaamaa Obbo Guutuu Mul’isaa teessoo isaa irratti hin argamne kan jedhuun  Dokmantarii kana keessatti dhiyeesse soba tahuu fi teessuma Paarlaamaa kam irraa iyyuu hafanii kan hin beeknee fi yeroo hunda Finfinneedhuma kan jiraatan tahuu Jimma Times-f ibsan.

Gama biraatiin, miseensota Paarlamaa kanneen tahan Obbo Baqqalaa Dirribaa fi Obbo Dajanee Xaafaa Obbo Guutuu Mil’isaa sirriitti kan beekan tahuu fi humnoota mootummaa wayyaaneetiin reebamuu mirkaneessan. Kana malees nama wayyaaneen Obboleessa miseensa Paarlaamaa ti jechuun dhiyeesse akka beekan ibsanii, Obbo Guutuu waliin firummaa wahiituu akka hin qabne ibsan.

Miseensonni Paarlaamaa kunniin mootummaan wayyaanee olola fi kijiba ija baase bifa kanaa oofuun isaa yaalii sirnichi gadi qabaa siyaasaa fi dhiibbaa dhaabbilee momritootaa irratti taasisaa jiru cimsuuf itti jiru tahuu hubachiisa jedhan.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net